FaaruuHidhamtootaOromoo–
Dhugaa keenya kan argu qabsumaa;
Nu booddee hin deebinu tasumaa;
Apr 10, 2017 - jalaa katotaa ayuhudotatiin qabamuu. ✍ ️Sararaa. Yoo xiqatee 40 yokkan 80 walitii fo'udhaan kan hoajatamuu. Kan waqayoo itiin.
Lafa keenyarraa nu buqqisanii,
Hiyyumaadhaanis nu rukutanii,
Aadaa fi afaan keenya balleessanii,
Mana hidhaatti nu dararanii,
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’ani.
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’ani.
Hin kenninu murree lafa keenya,
Lafee keenya dubbiin lafa keenyaa,
Tokkummaadhaan kaanee falmanna;
Oromiyaarratti wareegamna!
Tokkummaadhaan kaanee falmanna;
Oromiyaarratti wareegamna!
Lafa keenyarraa nu buqqisanii,
Hiyyumaadhaanis nu rukutanii,
Aadaa fi afaan keenya balleessanii,
Mana hidhaatti nu dararanii,
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’ani.
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’ani.
Lafa abbaa keenyaarraa hin buqqaanu;
Diddaa keenya duuba hin deebinu;
Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra,
Addunyaaf ishee saaxilleerra.
Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra,
Addunyaaf ishee saaxilleerra.
Lafa keenyarraa nu buqqisanii,
Hiyyumaadhaanis nu rukutanii,
Aadaa fi afaan keenya balleessanii,
Mana hidhaatti nu dararanii,
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’ani.
Amma garuu didnee kaaneerra-
Duubatti nu deebisuu hin danda’an.
Dhábasá Wakjira Gemelal